John 21:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni isaaniin, “Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?” jedhee isaan gaafate. Isaan, “Waawwo'o” jedhanee deebisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Isii d'iiro, waan nyaatani qabdu? Worri, Inqamnu jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus, “Isii ijoollee! Qurxummii wa'ii ufi biraa hinqabdanii?” warraan jedhe; warrii deebisee, “Hinqamnu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Ijoollee tiyya! Waan nyaatan qabduu?» isaaniin jedhe. Isaan, «Hin qabnu» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Ijoollee tiyya! Waan nyaatan qabduu?» isaaniin jedhe. Isaan, «Hin qabnu» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Yaa ijoollee tiyya! Qurxummii woyii ni qabddanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Womaa hin qabnnu» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni isaaniin, «Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Waawwo'o» jedhanee deebisane.