John 21:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni isaaniin, “Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan” jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan worraani jed'e, T'urura hobolo gama mirgati buusa, inargattani. Jennaani worri buuse, olfuud'u dad'abani, maro qurt'umiini heddu taateefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii, “Xuruuraa hoboloo gama mirgaattiin buusaa, inargattani” warraan jedhe. Warriilleen xuruuraa buusee, marroo qurxummiin hedduu taateef olfuudhuu dadhaban.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee, «Siiboo keessan yabala keessan gara mirgaatiin darbaa'a hin argattanii» isaaniin jedhe. Kanaaf hin darbatan; hennaa san sababaa baay'inna qurxummi'iitiif harkisuu dadhaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Siiboo keessan yabala keessan gara mirgaatiin darbaa'a hin argattanii» isaaniin jedhe. Kanaaf hin darbatan; hennaa san sababaa baay'inna Qurxummi'iitiif harkisuu dadhaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Tabbaarrii duubaan gara mirgaatiin darba'aatii ni argattan» isaaniin jedhe. Kanaaf tabbaarrii garba ciisaa keessatti ni darban, qurxxummiiwwan baayi'ee'llee qabuu isaanii irraa ka ka'een, tabbaarrii harkisuu ni dadhaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni isaaniin, «Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan» jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.