John 21:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, “Gootta'aa be!” jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba namichi Yesoni jaalatu kaani waan Petroni jed'e, Nami sunini Aabbo! Simoni Petroni aka inni Aabbo d'ageennaani, woya ufi uyifate inni qara qulla galaana ke bue.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba namichii Yesus jaalatu kaan Phexrosiin, “Namii sunin Aabboo!” jedhe. Simoon Phexros akka innii Aabboo dhageennaan, ka qara qullaa jiru wayaa ufii uyyifatee, galaanaatti gadutaale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasaan Yesuus jaalatu Pheexroosiin, «Goofta'aa bee!» jedhe. Kanaaf Simoon Pheexroos Gooftaa ta'uu haga dhagaye waan qullaa tureef uffata uffatee gara galaanaa uf darbe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasaan Yesuus jaalatu Pheexroosiin, «Goofta'aa bee!» jedhe. Kanaaf Simoon Pheexroos Gooftaa ta'uu haga dhagaye, qullaa waan tureef uffata uffatee gara galaanaa uf darbe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti barataan Yesus ni jaalataan ture Phexirosiin, «Goofta'aa bee!» ni jedheen. Simoon Phexiros «Goofta'aa!» jechuu isaa yeroo dhagayetti, huji'iif jedhee uffata isaa baafatee waan tureef, bakkumatti uffata isaa uffateeti, gara garba ciisa'aa utaalee ni aseene.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, «Gootta'aa be!» jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale.