John 21:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa calla lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari kaani t'urura qurt'umi miju hirkise, hobolo taani ke d'ufe. Qara lafa ira fago injirani, ammo malaafi ejata d'ibba toko ch'alla.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii kaan xuruuraa qurxummii miyyuu harkisaa, hoboloo taan keessa dhufe. Warrii qara herregaan ejjata dhibba tokkoo malee lafa irraa fagoo hinjiran.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni kuuwwan ammo lafa irraa haga ciqilee dhibba lamaa caalaa guddaa waan hin fagaanneef siiboo qurxummi'iin guuttame harkisa'aa yabalaan dhufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonni kuuwwan ammoo lafa irraa haga ciqilee dhibba lamaa caalaa guddaa waan hin fagaanneef siiboo qurxummi'iin guuttame harkisa'aa yabalaan dhufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni kuunniin garuu lafa irraa ka fagaatan meetira dhibbaa qofa waan tureef, tabbaarrii qurxummiin itti guutee harkisa'aa, gara duubaatiin ni dhufan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa callaa lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane.