John 3:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, “Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneera. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Yesoti halkaniini d'ufe waan jed'eeni, Rabbi, nu imbeenna aka atini qaallu gara Waaqati d'ufe; wonti akanatiifi nami tokoleeni akheekha atini tolchitu kana dandae intolchu, yo Waaqi isa woliini jiraate male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii halkaaniin gara Yesus dhufee, “Rabbii, akka atin barsiisaa gara Waaqaatii dhufee, nu inbeenna; waan namii tokkolleen, yo Waaqii isa waliin jiraate malee, akeeka atin tolchitu kana danda'ee hintolchineef” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a! yoo Rabbi isa woliin ta'e malee ka maalalee ati hojjattu kanniin hojjatuu danda'u waan hin jirreef barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, yoo Rabbi isa woliin ta'e malee, maalalee ati hojjattu kanniin ka hojjatuu danda'u waan hin jirreef, barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneerra. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju» jedheen.