John 3:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi Yohanaleeni Anioni ta d'aatu Salimutiti nama batisu jira waan bisaani guddooni achi jiraniifi. Biyyiti isati d'ufte inni worra batise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannisiilleen gaafas Enon ta dhaattuu Saalemittii, nama cuuphuu jiraa; waan bisaan guddoon achii jiraaniif biyyiti gara isaa dhuftee innii warra cuuphe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaannis akkasuma naannoo Saaleemii bakka Heenoon jedhamtutti bisaan guddaan waan jiruuf achitti cuupha'aa ture. Namoonni achi dhaqanii cuuphaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannisillee akkasuma naannoo Saaleemii bakka heenoon jedhamtuutitti bisaan guddaan waan jiruuf achitti cuupha'aa ture. Namoonnillee achi dhaqanii cuuphaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroma sanitti Yohaannis bakka bishaan baayi'een ni jira ture dhiyeenna Saalemii titti bakka Enon jedhamttutti ni cuuphaa ture, namoonni'llee dhufa'aa ni cuuphaman turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte.