John 3:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, “Barsiisa'a, namichi Yordaanoosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!” jedhanee itti himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worri gara Yohana d'ufe waan jed'eeni, Aabbo, namichi gama Yordani si woliini jiru kaani, ka atini waan isaa dubbate, me ilaali, kuno, innileeni nama batisa ammalle nami ch'ufti gara isaa yau jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
jennaan warrii gara Yoh. aannis dhufee, “Barsiisaa namichii Yordaanos gama ila boruu si waliin jiru kaan, ka atin waan isaa dubbatte me laal, kunoo, inniilleen nama cuuphaa, namii cuftii gara isaa yaa'uu jiraa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan gara Yohaannisii dhufanii, «Barsiisaa'a! namichi Yoordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati waan isaa ragaa baateef sun waan cuupha'aa jiruuf namni maruu gara isaa dhaqa'aara!» jedhanii itti himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee gara Yohaannisii dhufanii, «Barsiisaa'a, namichi Yoordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati waan isaa ragaa baateef sun cuupha'aa waan jiruuf, namni maruu gara isaa dhaqa'aara!» jedhanii itti himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni Yohaannisii'llee gara Yohaannisii dhiyaatanii, «Yaa barsiisaa, Laga Yoordaanosiitiin gamatti ka si woliin turee fi ka ati waayee isaatiif ragaa baateef, kunnoo, inni'llee ni cuupha, namoonni marri'llee gara isaa ni deeman» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, «Barsiisa'a, namichi Yordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!» jedhanee itti himane.