John 3:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, D'uguma, waan anini siini jed'u, Yo nami bisaanifi Lubbuuni d'alate male, dandae Finna Waaqa inargatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Anin dhuguma dhugaatiin sitti himaa, namii yo bisaanii fi Hafuura Qulqulloon dhalate malee, danda'ee Mootummaa Waaqaa hinseenu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni yoo bisaanii fi Ayyaana irraa dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Dhugaa siin jedha, naminni bishaanii fi Hafuura Qulqullu'uun yoo dhalate malee, gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uuf hin dandda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u.