John 3:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma” jedhee deebise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bubbeeni fulla ufi feetu deemti; atini shawisa isii d'ageeta male, fulla isiini baatuufi yokhaani gara isiini deemtu imbeetu. Nami Lubbuuni d'alatu ch'ufti akasuma jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bubbeen gara ufii feetu deemti; atin shaawisaa isii dhageetta malee, gara isiin dhuftuuf yokaan gara isiin deemtu hinbeetu. Namii hafuuraan dhalatuulleen cuftii akkasuma jira” jedhee deebiseef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bubbeen gara fedhe bubbisa; ati huursaa isaa dhageetta malee, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettu. Namni Ayyaana irraa dhalate maruu akkasuma.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bubbeen gara fedhetti bubbisa atillee huursaa isaa dhageetta malee, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemullee hin beettu. Namni Ayyaana irraa dhalate maruu akkasuma.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bubbeen gara kallattii barbaadde ni bubbisa, qooniqqa isaa'llee ni dhageetta, garuu eessaa akka dhufuu fi garam'llee akka deemuu hin beekittu, ka Hafuuraa irraa dhalate marrinuu akkuma kana.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.