John 4:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo deebisee, “Atin yo silaa kennamsa Waaqaa beettee, ammallee nama, ‘Bisaan na obaas siin’ jedhu kana beettee, sittuu bisaan jireennaa isa kadhatta” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Uduu kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e beettee silaa situ na kadhata; innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e uduu beettee, silaa situ na kadhata. Innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Kennaa Waaqaatii fi ‹bishaan ana obaasi!› ka siin jedhu eennuun akka ta'e uduu ka isa beekittu ta'ee, isa kadhachuun ka sirraa malu si ture, inni'llee bishaan jireennaa siif ni kennaa ture» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu» jedhe.