John 4:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ammoo namii bisaan anin kennuuf dhuguu haga jiruu jireennaallee deebi'ee hindheebotu; wantii akkanaatiif bisaan anin kennu sunii burqaa ta'aniitti isa keessaa maddanii, haga jiruu jireennaallee deebi'ee hindheebotu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka bisaan ani kennu irraa dhugu maruu ammo baraa haga bara baraa hin dheebotu; bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka bisaan Ani kennu irraa dhugu maruu ammoo baraa haga bara baraatitti hin dheebotu. Bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
bishaan ani kennu irraa ka dhugu garuu bara baraaf gonkumaa hin dheebotu, bishaan ani kennu nama dhuguuf, jireenna bara baraatiif ka burqqu, burqqaa bishaan jireennaa ni ta'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a» jedhe.