John 4:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartittiin, “Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana anaaf kenni” jetteen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Niitiini suni waan jetteeni, Aabbo, bisaani kana naa kenni, aka ind'eebonne, yokhaani aka deebie arma d'ufe bisaani iworaamne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Niitiin sun, “Aabboo, bisaan kana naa kenni, akka hindheebonne, yokaan akka deebi'ee arma dhufee bisaan hinwaraamne” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartittiinillee, «Gooftaa kiyya! akka deebi'ee hin dheebonnee fi bisaanillee woraabu'uuf akka as hin deebine bisaan kana naa kenni» jetteen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartittiinillee, «Gooftaa kiyya, deebi'ee akka hin dheebonnee fi bisaanillee woraabu'uuf akka as hin deebine bisaan kana naa kenni» jetteen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubarttiin'llee, «Yaa Gooftaa! Ammaa achitti bishaan akka hin dheebonnee fi garana'llee woraabu'uuf akka hin dhufinne yabo'oo bishaan akka kana naaf kenni» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana naaf kenni» jetteen.