John 4:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfanu Yerusaalem te'uu qaba jettan” jetteen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ababooti teenna gaara kana irati Waaqa kad'atte, ammo isani, Fullaani Waaqa iti kad'achu malani Yerusalemu jettani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqaa kadhatte, isaniin Yihudii ammoo, ‘Fulaan Waaqaa itti kadhachuu malan Yerusaalem’ jettan” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbootiin teenna gaara kanatti sagadan. Isin ammo Yihuudonni namni ka itti sagadu barbaachisu Yerusaalemitti jettan» jetteen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbootiin teenna gaara kanatti sagadan. Isin ammoo Yihuudonni namni ka itti sagadu barbaachisu Yeruusaleemitti jettan» jetteen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
abbootiin teenna gaara kana irratti ni sagadan, isin garuu, ‹namoonni ka sagaduun isaan irraa malu Yerusaalemitti› jettan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfannu Yerusaalem te'uu qaba jettan» jetteen.