John 4:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, “Maan barbaadde?” yookiin, “Maaf isii woliin dubbatta?” ka jedhe hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni jari isaa d'ufe, waan inni niiti taaniini dubbateefi mamani. Ammo nami tokoleeni, Atini maani barbaada? yokhaani, Maafi isiini dubbatta? injenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoma sun jarii isaa dhufee, waan innii niitii taaniin dubbateef mame. Ammoo namii tokkolleen, “Atin maan barbaadda?” yokaan, “Maaf isiin dubbatta?” hinjenneen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haa ta'uu ammo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookaan namni, «Maaf isii woliin qaaxxa?» isaan jedhe hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haata'uu ammoo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookiin, «Maaf isii woliin qaaxxa?» namni isaan jedhe hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti barattoonni isaa bakka dhaqanii deebi'anii ni dhufan, Yesus dubarttii woliin haasayuu isaatiin ni maalalan, haa ta'u malee, «Maal barbaadda? Yookiin isii woliin maali'iif haasoftta?» jedhee ka isa gaafate, eennu'llee hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, «Maan barbaadde?» yookiin, «Maaf isii woliin dubbatta?» ka jedhe hin jiru.