John 4:35 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin, ‘Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti’ jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammummaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi jia afuri mid'aani murra jettaniyu? Waan anini isaniini jed'u, Olmillad'a, aka oobruuni mura geete bilchatte ilaala.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan Ji'a afuriin duuba muraa midhaanii jettaniyuu? Anin isanitti himaa, iluma teessaniin oobruu milladhaa, akka bilchaattee muraan geettee laalaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin haga ammaa haamaan hin geenne ‹Ji'a afurtu hafa› woliin jettanii mii ree? Ani isinitti himaa, ija keessan ol kaasa'aa midhaan amma gayee akka daalachate maasaa achi laalaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin haga ammaa haamaan hin geenne ‹Ji'a afurtu hafa; woliin jettanii mii ree?› Ani isinitti himaa, ija keessan ol kaasaa, midhaan amma gayee akka daalachate maasaa achi laalaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin, ‹ufi durana ji'iin afurrii hafee jira, saniin duubatti'llee yeroo calla'aa ni ta'a› jettanii mitii ree? Ani garuu, ‹ol jedha'aatii bakki qonnootaa yeroo calla'aatiif akka gayan, laalaa!› isiniin jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin, ‹Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti› jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammumaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera!