John 4:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
isaan dubartitti'iin, “Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneera; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan niiti taaniini jed'e, Maro dubbi tantetiifi ind'ugefanne, ammo maro nu gurra keennaani d'ageenneefi d'ugefanna, akasiini aka inni d'uguma Qarqaarsa lafa ch'ufa beena.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii niitii taaniin, “Nu marroo dubbii teetiitiif hindhugeeffannee, ammoo marroo gurra keennaan dhageenneef, akka innii dhuguma baasaa lafa cufaa ta'ee inbeenna” jedhe. Akka Yesus ilma jaallabdicha tokkoo fayyise
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti; nu'uu waan isa dhageenneef; innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti, nu'uu waan isa dhageenneef, innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubarttiin'llee, «Ammaa achitti isa ka amannuun dubbii ati nutti himtte qofaan uduu hin ta'in, nu mataan keennaa waan isa dheeeffannee fi dhugamaanuu inni Fayyisaa biyya lafaa akka ta'e waan beekinneef» isi'iin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isaan dubartitti'iin, «Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneerra; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra» jedhane.