John 4:45 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Galilaya geennaani jari Galilaya isa d'ugefate; wonti akanatiifi worri jila Pasaka gara Yerusalemu d'annaani, waan inni achiti tolche ch'ufa arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Galiilaa waan gara jila dabarsaa dhaqee, waan innii guyyaa jilaa Yerusaalemitti hojjate cufaa argeef, innii Galiilaa dhumnaan isa keessummoomse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo hennaa inni Galiilaa gaye worri Galiila'aa haala misha'aan isa simatan. Kunillee wonti ta'eef ayyaana Faasika'aatiif gara Yerusaalemii dhaqanii hennaa achi turan san waan inni achitti godhe mara waan arganiiraniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammo hennaa inni Galiilaa gaye; worri Galiila'aa haala misha'aan isa simatan. Kunillee wonti ta'eef ayyaana Faasika'aatiif gara Yeruusaalemii dhaqanii hennaa achi turan san waan inni achitti godhe mara waan arganiiraniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu gara Galiila'aa yeroo gayetti namoonni Galiila'aa haala misha'aan ufitti ni fudhataniin, kun'llee ka ta'e Ayyaana Faasiika'aatiif gara Yerusaalemii deemanii yeroo turetti, waan inni achitti raawwate mara, arganii jiran waan tureef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.