John 4:51 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato inni galu jiru, hojattuuni isaa fuula keesa isa d'ufte waan jetteeni, Gurbaani kanke miira qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo innii galuu jiruu, hojjattootii isaa fuula keessa dhuftee, “Gurbaan kankee miira qaba” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee uduu gala'aaru hojjattoonni isaa isa arganii, «daa'imni bee hin fayyee» jedhanii itti himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee uduu gala'aaru hojjattoonni isaa isa arganii, daa'imni bee hin fayyee jedhanii itti himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoo deemu'llee tajaajilttoonni karaa irratti argataniinii, «Ilmi kee fayyee jira!» jedhanii, itti ni himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane.