John 4:52 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni sa'aatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, “Kalee sa'aatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte” jedhanee deebisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni hojja gurbaani miire gaafate. Worri waan jed'eeni, Kale, hojja saa torba, qannooni isa iraa galte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii saatii gurbaa miirii itti deebi'e gaafatee, warrii, “Kalee yoma tana saatii torbaatti, qandhoon isa irraa galte” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni hennaa inni itti woyyate jara gaafate. Isaanillee, «Kaleessa sa'aatii torbatti oo'i dhiiseen» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee hennaa inni itti woyyate jara gaafate. Isaanillee, «Kaleessa sa'aatii torbatti oo'i dhiiseen» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee yeroon ilmi isaa itti woyyate isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Kaleessa saa'aatii torba irratti holataan gad ni dhiiseen» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane.