John 4:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara sa'aatii jaati.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eela Yakobo tokoti arti jira. Tanaafi Yesoni kara deeme dad'amnaani, eela bira tae. Hojjaani suni guyya gudda.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eela Yaaqob tokkotti arti jira. Jennaan Yesus karaa deemee dadhamnaan, eela sun bira taa'e. Yo'ii sun guyyaa guddaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuus waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaanii san bira taa'e; hennaan sun guyyaa keessa gara sa'aatii jahaati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuusillee waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaan sanii bira taa'e, hennaan sunillee guyyaa keessaa gara sa'aatii jahaati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achi'llee boollaa bishaanii ta Yaaqoobiititu jira ture, Yesus karaa deemuu irraa ka ka'een waan dadhabeef, boolla bira ni taa'e, yero'oon'llee gara saa'aatii jahaa ni ta'a ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara saatii jaa ti.