John 5:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, “Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yahudiini waan namicha kaaniini jette, Guyyaani kuni guyya Sabatooti, aki atini itille tante baate deemtu fullaaniti jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan warrii Yihudii namicha kaaniin, “Guyyaan kun guyyaa Sambataatii, akkii atin itillee tantee baattee deemtu kun fulaaniti” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef, itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa namicha fayye san, «Adha Sanbbataa waan ta'eef siree kee akka baadhattuuf, seerri siif hin eeyyamamu!» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, «Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga» jedhane.