John 5:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, “Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni Yesoni namicha kaani Mana Waaqa keesati arge waan jed'eeni, Me ilaali, la fayyite. Iti deebite daba intolchiini, aka waan hagana ira hamtu inarganne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii sun Yesus namicha kaan mana Waaqaa keessatti argee, “Me laali, la fayyitte. Itti deebittee cubbuu hinhojjatin, akka waan hagana irra hamtuu hinarganne” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka si irra hin geenne ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka sirra hin geenne, ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus namicha fayyiseen Mana Waaqeffanna'aa titti argateeniiti, «Kunoo, amma fayyitee jirta, wonitti kana irra hammaate akka si irra hin geenneef ammaa achitti cubbuu hin hojjatin!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, «Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin» jedheen.