John 5:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kanaafi Yahudiini haga qarale ira isa ijeesu feete, waan inni seera Sabato ch'alla ch'abseniti ammo Waaqi Abba kiyya jed'eefi, akanaani qit'e Waaqa ufi tolcheefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kanaaf Yihudiin haga qaraallee irra isa ijjeesu feete, waan innii seera sambataa callaa cabseefiiniitii waan innii “Waaqii Abbaa kiyya” jedhee, akkanaan qixxee Waaqaa ufii tolcheef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa waan Sambata diige calla'aafii miti, akkasuma Rabbi abbaa kiyya jedhee Rabbiin waan uf qixxeesseef, Yihuudonni isa ajjeesu'uuf guddisanii soqaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa Sambata waan diigee calla'aafii miti, akkasuma Rabbi abbaa kiyya jedhee Rabbiin waan uf qixxeesseef, Yihuudonni isa ajjeesu'uuf guddisanii soqaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jechi kun'llee namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, Yesusiin akka ajjeessaniif caala'atti isaan ni kakaase, kun'llee ka ta'e inni Sanbbata diiguu isaa qofaaf uduu hin ta'in, «Waaqinni abbaa kiyya» jechu'uun, mataa isaa Waaqaan waan wol qixxeesseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.