John 5:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Yesuus deebisee, “Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yesoni waan worraani jed'e, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Ilmi dandae ufiini woma intolchu, yo waan Abbaani tolchu argu male. Ilmi waan Abbaani tolchu ch'alla tolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba Yesus warraan, “Waan anin dhuguma dhugaatiin isanitti himuu, Ilmii danda'ee ufiin homaa hintolchu, yo waan Abbaan tolchu argu malee. Ilmii waan Abbaan tolchu callaa tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiitiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaan isiniin jedha, waan Waaqinni Abbaan yoo hojjatu arge hojjachu'uun alatti, Ilmi aangoo mataa isaatiin womaayyuu hojjachu'uuf hin danda'u. Waaqinni Abbaan waan raawwatu Ilmi'llee akkuma kana ni raawwata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha.