John 5:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka ana ergele'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiruu tareera; isatti hin murantu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, namii dubbii tiyya dhaga'ee ka na erge dhugeeffatee, jireenna barabaraa qaba. Isa wallaala itti hinmuran, ammoo ya du'a keessaa ba'ee jireenna argate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka ana ergettillee ka amanu jeennata argata; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka na ergettillee ka amanu jireenna bara baraa qaba; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Dhugaa isiniin jedha, dubbii kiyya ka dhagayuu fi ka ana ergetti'llee ka amanu jireenna bara baraa ni qaba, inni'llee du'a irraa gara jireennaa titti ka ce'e waan ta'eef, itti hin murteeffamu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka na ergelle'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiru'uu tareera; isatti hin murantu.