John 5:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini dandae ufiti woma intolchu: aka Waaqi nati himu gula qora; qorsumaani tiyya ta d'ugaati; wonti akanatiifi anini fed'i tiyya inbarbaadu ammo fed'i abba na erge barbaada.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin danda'ee ufiitii homaa hintolchuu, akka Waaqii natti himu gula mura; muraan tiyya ta dhugaati; wantii akkanaatiif anin fedhi tiyya hinbarbaaduu ammoo fedhi abbaa na ergee barbaada.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani baallii kiyyaan womaa godhuu hin danda'u. Akkuma dhagayetti murteessa. Murtiin kiyyallee qajeela'a. Fedha ka ana ergee malee fedha kiyya hin barbaadu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ani baallii kiyyaan womaa godhuu hin danda'u. Akkuma dhagayetti murteessa. Murtiin kiyyallee qajeela'a. Fedha ka na ergee malee fedha kiyya hin barbaadu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ani aangoo mataa kiyyaatiin womaayyuu raawwachu'uuf hin danda'u, garuu Waaqa Abbaa irraa waan dhagaye ni murtteessa, fedhii ka ana ergee malee fedhii mataa kiyyaa waan hin raawwanneef, murtiin kiyya sirri'i.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a.