John 5:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin Baarreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan barreessi keessa barbaaddan waan isii keessa jireenna barabaraa argattan ufi seetan. Barreessiinuu ammoo naa dhugeesiti!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin kitaabbilee woyyootaan waan jeennata argattan waan isinitti fakkaatuuf isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin kitaabbilee woyyootaan waan jireenna bara baraa qabdan waan isinitti fakkaatuuf, isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin kitaabban Qulqullu'uun jireenna bara baraa ka argattan waan isinitti fakkaatuuf, isaan ni qorattan, isaan'llee waayeema kiyya ka ragaa bayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin Barreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!