John 5:44 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam anatti dhugeeffatiisa dandeettan ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani akami dandeetani d'ugefattani, ka guddinna wolira argattani, ammalle guddinna Waaqa tokocha iraa d'ufu barbaadu diddani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan ka guddinna walirraa argattan malee, guddinna Waaqaa tokkocha irraa dhufu barbaadu diddaniin, akkam dandeetanii dhugeeffattan?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicha irraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicharraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin ufii keessan wol irraa ulfinnaa ka barbaaddan, Waaqa tokko irraa ulfinna argamu garuu ka hin barbaanne, attamitti amanu'uuf dandeettan ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam natti dhugeeffatiisa dandeettan ree?