John 6:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Haga kiiloomeetrii shanii yookiin jaa shaffisa'aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo'oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri haga maili sadi afuri hobolo deemsimnaani, Yeso galaana gubbaa deemu arge. Inni hoboloti d'iaannaani, worri guddo sodaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii haga kiiloometrii shanii ja'aa hoboloo deemsisee, Adoo Yesus galaana gubbaa deemaa hobolootti dhi'aatuu argee sodaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga kiiloo meetira jahaa keessa deemaniin maayii, Yesuus galaana irra deema'aa gara yabala isaanii hennaa dhiyaate arganii isa sodaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga meetira diddamii shanii yookiin soddomaa haga keessa deemaniin maayii, Yesuus galaana irra deema'aa gara yabala isaanii hennaa dhiyaate arganii isa sodaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa'llee haga kiilomeetira shanii yookiin jahaa, bishaan dhayata'aa eega deemaniin duubatti, Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara hobolo'oo yoo dhiyaatu arganii, ni sodaatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga kiiloomeetira shanii yookiin jaa shaffisa'aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo'oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane.