John 6:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba isaan gara hobolo'oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri gammadaani isa hobolo yabachiise; hojuma suni hobolooni lafa worri iti yau geete.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan warrii gammadee isa hoboloo yaabbachiisee; hoboloon yoma sun lafa warrii itti yaa'u geette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf yabala isaaniitiin isa fudhachuu barbaadan. Yoma san yaballi isaanii gara lafa qarqara bisaanii geette.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf yabala isaaniitiin isa fudhachuu barbaadan. Yoma san yaballi isaaniillee gara lafa qarqara bisaanii geette.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee gammachu'uun ufitti fudhatanii gara hobolo'oo irra baasu'uuf ni barbaadan, bakkumatti hoboloon gara bakka dheemittuu ni gette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan gara hobolo'oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette.