John 6:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sagalee badduuf hin hujina'a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja'a. Waaqi Abbaan, chaappaa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiiniif hin kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sagale d'umattu inhojatiina, ammo sagale haga jireenna hegeri teetu ta Ilmi Nama isanii kennu hojad'a, wonti akanatiifi Waaqi Abbaani yayu beesisa ufi isa ira keyate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Sagalee dhumattuu hinhojjatinaa, ammoo sagalee haga jireenna hegerii teettu ta ilmii namaa isanii kennuu hojjadhaa, maaliif Waaqii Abbaan yaayyuu beesisa ufii isa irra keeyyate” isaniin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haa ta'uu ammo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a; isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haata'uu ammoo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a, isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nyaata baduuf hin hojjatinaa, kana irra Waaqinni Abbaan chaaphaa mirkaneessee ka caaphesse, Ilmi Namaa ka isinii kennu, nyaata jireenna bara baraa ta'eef hojjadhaa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sagalee badduuf hin hujina'a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja'a. Waaqi Abbaan, chaappaa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiniif hin kenna» jedhe.