John 6:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan, “Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worri waan isaani jed'e, Maani taana re, aka huji Waaqa hojannu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan warrii, “Akka hujii Waaqaa hojjannu maan taanna ree?” jedhe isa gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee, «Eeganaa hujii Rabbii hojjachu'uuf maal haa goonu?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa, «Hujii Rabbii hojjachu'uuf maal haa goonnu?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni'llee, «Eegaa hujiin Waaqaa hojjachu'uuf maal raawwachu'uutu, nurraa mala?» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan, «Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?» jedhaneen.