John 6:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka ana ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini gubbaa gadi d'ufeefi aka fed'i tiyya guutuuniti, ammo aka fed'i nama na erge guutu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii anin gubbaa gad dhufeef akka fedhi tiyya guutuunitii, ammoo akka fedhi nama na ergee guutu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sami'ii wonti bu'eef fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka ana ergee raawwatu'uuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sami'ii wonti bu'eef, fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka na ergee raawwatu'uuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani sami'ii ka bu'e fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf malee, fedhii mataa kiyyaa raawwachu'uufii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka na ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti.