John 6:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan, “Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba'aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‘Ol-gubba'aa gad bu'e’ jedha ree?”’ jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan jed'e, Namichi kunini Yeso, ilma Yusufu, ka nu abbaafi haad'a isaa beennuuniti? Inni akami ammatana, Anini gubbaa gadi d'ufe ufiini jed'a?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii, “Namichii kunin Yesus, ilma Yoseefii ka nu abbaa fi haadha isaa beennuunitii? Innii akkam ammatana, anin Waaqaa gubbaa gad dhufe ufiin jedhaa ree?” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennuu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkana'llee ni jedhan, «Kun ilma Yooseefii Yesusii mitii ree? Haadhaa fi abba'aa fi isaa ni beekinnaa mitii ree? Eegaa, amma inni attamitti ‹Sami'ii bu'e› nuun jedha, jedhan?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan, «Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba'aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‹Ol-gubba'aa gad bu'e› jedha ree?» jedhane.