John 6:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan ana erge yoo isa harkise malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u; anille guyyaa muumme'ee du'aa isa hin kaasa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni dandae nati ind'ufu, yo Abbaani na erge nati hirkise male; anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokkolleen yo abbaan na erge natti hirkise malee, danda'ee natti hindhufu; ka gara kiyya dhufuu ammoo anin guyyaa muummee du'a keessaa kaasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan na erge yoo ufitti waame malee ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san du'aa isa kaasa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaan na erge yoo ufitti waame malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san isa kaasa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni Abbaan ana erge ka ufitti harkiseen yoo ta'e malee, gara kiyya dhufu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, gara kiyya ka dhufu'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan na erge yoo isa harkise malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u; anille guyyaa muumme'ee du'aa isa hin kaasa.