John 6:45 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Raagoleen, ‘Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te'a’ jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage'uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
T'aafi raaga keesa waan jed'ani, Nama ch'ufa Waaqi imbarsiisa. Nami dubbi Abba d'agaye barate ch'ufti gara kiyya d'ufa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barreessii raagaa keessatti, ‘Nama cufaa Waaqii inbarsiisa’ namii dubbii Abbaa dhaga'ee barate cuftii gara kiyya dhufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an› jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayee fi ka barate maruu gara kiyya dhufa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayeef ka barate maruu gara kiyya dhufa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kitaabban nabiyyootaa titti, ‹namoonni marrinuu Waaqa irraa ka baratan ni ta'an› jedhamee barreeffamee jira, kanaaf Waaqa Abbaa irraa dhagayee ka barate marrinuu gara kiyya ni dhufa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagoleen, ‹Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te'a› jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage'uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa.