John 6:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, “Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yesoni olmillate, gumi guddo isati d'uftu arge waan Filiponi jed'e, Sagale eesaa binna, aka jari kuni nyaatu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus olmillatee jennaan, gumii guddoo isatti dhuftu argee Filiphosiin, “Sagalee jarii kun nyaatu eessaa binna?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu arge; Filiphoosiin, «Xoroshoo namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ijaan ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu argee, Filiphoosiin, «Xoroshoo namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Yesus ummanni baayi'een gara isaa yoo dhufu ol jedhee argeeti Filiphosin, «Nama kana maraaf nyaata gayu eessaa bitu'uuf danddeenna ree?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, «Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?» jedhe.