John 6:51 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini qit'a jireenna ka gubbaa gadi d'ufe. Yo nami qit'a suni nyaate haga hegeri jiraata. Ee, qit'aani anini maro jireenna lafatiifi kennu sunini fooni kiyya.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin qixxaa jireennaa ka gubbaa gad dhufe. Namii yo qixxaa kan nyaate haga barabaraa jiraata. Ee ee, qixxaan anin marroo jireenna lafaatiif kennu sunin foon kiyyaa” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Nyaanni jireenna ka ani adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Anillee nyaanni jireenna adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sami'ii ka bu'e buddeenni jireenna kennu ana, buddeena kana irraa ka nyaatu marrinuu bara baraaf ni jiraata, biyya lafaatiif' jireenna akka ta'u, buddeenni ani kennu foon kiyya.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe.