John 6:57 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba'aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma Abbaani kiyya ka jireenna qabu na erge, anileeni maro isatiifi jiraad'u, akasuma nami nafa kiyya nyaatuleeni maro kiyyafi jiraata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma Abbaan kiyya ka jireenna qabu na erge, aniilleen marroo isaatiif jiraadhu, akkasuma namii foon kiyya nyaatuulleen marroo tiyyaaf jiraata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee akkuma sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa ta'u, akkasuma ka ana nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa akkuma ta'u, akkasuma ka na nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni Abbaan jiraataan akka ana ergee fi ani'llee isaan jiraataa akka ta'e, akkuma kana foon kiyya ka nyaatu marrinuu, anaan jiraataa ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba'aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata.