John 6:58 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sagaleen ol-gubba'aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kunini qit'a gubbaa gadi d'ufe, ka aka ababooti teesani nyaatte dooteetiiniti. Nami qit'a kana nyaatu haga hegerile induu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kunin qixxaa gubbaa gad dhufe, ka akka abaabooti teessan nyaattee dooteetiiniti. Namii qixxaa kana nyaatu haga hegeriillee hinduu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Ka nyaata kana nyaate haga bara baraa jiraata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Nyaata kana ka nyaate haga bara baraa jiraata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa buddeenni sami'ii bu'e kana, inni'llee bifa akka abbootiin keessan nyaataniitii miti, buddeenna san ka nyaatan du'anii jiran, buddeenna kana ka nyaatan garuu, bara baraaf ni jiraatan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sagaleen ol-gubba'aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata» jedhe.