John 6:61 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, “Wonni kun isin gufachiisaa?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni aka jari isaa waan kana gungumu akanumati beennaani waan worraani jed'e, Dubbini tuni isani rifachiifti?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo akka jarii isaa waan kana gungumu akkanumaatti beennaan warraan, “Dubbiin tun isan rifachiiftii?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo darasoonni waan kanaaf akka gururi'an garaa ufii keessatti beekee akkana isaaniin jedhe, «Kun isin gufachiisaa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo darasoonni waan kanaaf akka gururi'an garaa ufii keessatti beekee, akkana isaaniin jedhe, «Kun isin gufachiisaa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee barattoonni isaa waayee kanaaf akka guunguman hafuura isaatiin beekee akkana isaaniin jedhe, «Wonitti kun isin ni gufachiisa ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, «Wonni kun isin gufachiisaa?