John 6:64 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran” isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te'e duruu beekeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani nami gari ind'ugefattani. Wonti akanatiifi haguma qara Yesoni nama isa ind'ugefanneefi ka isa gurguru imbeekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan ammoo namii garii hindhugeeffattan” jedheen. Yesus haguma qaraatii jalqabee nama isa hindhugeeffannee fi ka isa gurguru inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo isin keessaa worri hin amanne hin jiran.» Yesuusillee worri hin amanne eennu fa'aa akka ta'an; ka dabarsee isa kennullee eennuun akka ta'e durumaa waan beekuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammo, isin keessaa worri hin amanne hin jiran» Yesuusillee worri hin amanne eennu fa'aa akka ta'an ka dabarsee isa kennullee eennuun akka ta'e durumaa waan beekuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
garuu isin jiddu'uu tokko tokko ka hin amanne ni jiran» Yesus kana ka dubbate jalqabumaa kaasee worri hin amanne eennuun fa'a akka turanii fi ka dabarssee isa kennu'llee eennuun akka ta'e, ni beeka waan tureef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran» isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te'e duruu beekeera.