John 6:71 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te'ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Yuda ka Simoni Iskariote baane. Wonti akanatiifi nami isa gurguru Yuda, jara kud'ani lamaani suni keesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii waan Yihudaa ilma Simoon, ka Keriyotii baane. Jara kudhanii lamaan sun keessaa namii isa gurguru Yihudaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kana Yihuudaa ilma Simoonii ka biyya Keriyootiitiif dubbate. Inni kudha lamaan keessaa ta'ullee, ka Yesuusiin dabarsee kennu'uuf ta'u isa waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kana Yihuudaa ilma Simoonii biyya ka Asiqorotu'uutiif dubbate. Inni kudha lamaan keessaa ta'ullee, ka Yesuusiin dabarsee kennu'uuf ta'u isa waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee ka jedhe waayee ilma Simoonii waayee Yihudaa nama biyya Keriyootii Kristosiitiif ture, Yihudaan yoma kudha lamaan keessaa tokko ta'e'llee, Yesusiin dabarssee ka kennu isa waan tureef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te'ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate.

Recommended Reading