John 6:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Mucaan tokko ka daabboo garbu'uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gurba tokoti arma jira, ka qit'a garbu shanifi qurt'umi lama qabu. Ammo tunini maani baati nama hagana gahu kana?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Gurba tokkootti ka qixxaa garbuu shanii fi qurxummii lama qabu arma jiraa, ammoo tunin nama hagana ga'uu kanaa maan baati?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Mucaan xoroshoo garbu'uu shanii fi qurxummii lamaan qabateeru tokko as jira jedhe. Haa ta'uu ammo namoota haganaa maraaf hin gayu» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Mucaan xoroshoo garbuu shanii fi qurxumii lamaan qabateeru tokko asi jira jedhe. Haata'uu ammoo namoota haganaa maraaf hin gayu» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Buddeena garbu'uu shanii fi qurxxummii lamaa ka qabatee jiru mucaan tokko asi ni jira, garuu kun ummata kana maraaf maal gaya?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Mucaan tokko ka daabboo garbu'uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu» jedheen.