John 7:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba, Yihudooti baallii qabanu lafa Yihuuda'aa keessa jiranu, isa ijjeesiisaaf waan barbaadaneef, Yesuus Galiila keessa deddeebi'e malee, Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni, Yesoni Galilaya keesa dedeeme; inni Yudea keesa dedeemu imfed'u, maro Yahudiini isa ijeesu feetuufi
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii sun, Yesus waan Yihudiin isa ijjeesu feetuuf Galiilaa keessa dedeeme malee; Yihudaa keessa dedeemu hinfeene
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Yihuudonni Yesuusiin ajjeesu'uuf soqa'aa turan; kanaaf waan Yihuudaa keessa deddeebi'uu hin feeneef Galiilaa keessa deddeema'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayii Yihuudonni Yesuusiin ajjeesu'uuf soqa'aa waan turaniif, Yihuudaa keessa deddebi'uu waan hin feeneef, Galiilaa keessa deddeema'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus Galiilaa keessa ni dedeebi'a ture, Yihudonni isa ajjeesu'uuniif ni barbaadaniin waan turaniif garuu, Yihudaa keessa dedeebi'uuf hin barbaanne,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba, Yihudooti baallii qabanu lafa Yihuda'aa keessa jiranu, isa ijjeesiisaaf waan barbaadaneef, Yesuus Galiilaa keessa deddeebi'e malee, Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne.