John 7:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, “Inni nama dansa'a” jedhe. Worri dhibiin, “Waawwo'o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddo biyya keesati gungumani maro isatiifi, Nami gari waan jed'e, Inni nama dansa, hagi toko, Akasiiniti, ufuma nama soba jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan isaa guddoo biyya keessatti gungumanii; namii garii, “Innii nama dansaa” jedhee, hagii tokko, “Akkasiiniti, ufumaa nama sobaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama misha'a» gariin ammo, «Banii dogoggorsa'aara» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama mishaa» gariin ammoo, «Banii dogogorsa'aara» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummanni'llee waayee isaa hasaassi'iin ni haasayan turan, tokko tokkoon isaan, «Inni nama misha'a» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Miti, inni ummata ni dogoggorssa» jedhan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, «Inni nama dansa'a» jedhe. Worri dhibiin, «Waawwo'o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira» jedhe.