John 7:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jilti wod'akoomnaani Yesoni Mana Waaqa d'aqe nama barsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jiltii wadhakkoomnaan Yesus mana Waaqaatti olba'ee nama barsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee uduu ayyaanni hin dhumanne wodhakka'aan Yesuus gara mana woyyu'uu dhaqee barsiisa'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ammallee uduu ayyaanni hin dhumanne wodhakka'aan, Yesuus gara mana woyyu'uu dhaqee barsiisa'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wolakkaan ayyaanaa irratti'llee Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa dhaqee, barsiisuu jala ni qabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe.