John 7:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii yo fedhii Waaqaa guutuu fedhee, akka wantii ani barsiisu gara Waaqaatii dhufte yokaan anummaan dubbadhu gargarii inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookaan ka ani uf irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookiin ka ani ufi irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf ka barbaadu yoo jiraate, barsiifnni kun Waaqa irraa ka argame yookiin ana mataa kiyyaa irraa ka dubbadhe, ta'uu ni beeka.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka.