John 7:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii qalbii ufiitiin dubbatu ulfinna mataa ufii barbaada. Namii ammoo ulfinna nama isa ergee barbaadu ka dhugaati, ammallee dhartii tokkolleen isa keessa injirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka uf irraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka ufirraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammoo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mataa isaa irraa ka dubbatu ulfinna mataa isaa ni barbaada, ulfinna ka isa ergee ka barbaadu garuu inni dhugaalessa, sobinni'llee keessa hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu.