John 7:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Musani ya isanii qabanqaba kenne (waan gara Musati baheniti ammo waan gara ababoota teesaniti bahe), duuba isani guyya Sabato qabanqaba namaa qabdani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Museen ya seera dhaqaanqabaa isanii kenne. Wantii sun ammoo gara Muuseetii, hindhumne, gara abaaboota teessanitii dhufte malee, duuba isan guyyaa Sambataa dhaqaanqabaa namaa qabdan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Muuseen gadoomuu isinii kenne, seerri kun abboota irraa malee Muusee irraa miti, Sambataanillee nama gadoomsitan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu Muuseen gadoomuu isinii kenne, seerri kun abboota irraa malee Muusee irraa miti, Sambataanillee nama gadoomsitan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Museen naamusa gadoomaa isaaniif ni kenne, naamufnni kun'llee ka argame abbootii irraayyi malee Musee irraayyii miti, isin'llee bee guyyaa Sanbbataatiin nama ni gadoomisitan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan.